-
Leewwota 25:39-42Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
39 “‘Obboleessi kee sitti dhihoo jiraatu tokko hiyyoomee yoo sitti of gurgure,+ hojii garbummaa akka siif hojjetu isa hin dirqisiisin.+ 40 Inni akkuma hojjetaa mindeeffamee hojjetuutti,+ akkasumas akka qubataatti haa ilaalamu. Hamma waggaa Iyyobeeliyyuuttis si haa tajaajilu. 41 Achiis ijoollee* isaa wajjin si biraa deemee maatii isaatti deebiʼa. Qabeenya abbootii isaattis haa deebiʼu.+ 42 Sababiin isaas, isaan garboota koo warra ani biyya Gibxiitii baase dha.+ Isaan akka garbi tokko gurguramutti of gurguruu hin qaban.
-
-
Keessa Deebii 15:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 “Obboloota kee keessaa dhiirri yookiin dubartiin Ibroota taʼan sitti gurguramanii waggaa jaʼaaf yoo si tajaajilan, waggaa torbaffaatti bilisa isaan baasuu qabda.+
-