9 Innis mana Yihowaa,+ mana mootichaa+ fi manneen Yerusaalem hundumaa ni gube;+ akkasumas mana namoota beekamoo taʼanii hunda ni gube.+ 10 Guutummaan raayyaa waraanaa Kaladootaa warri ajajaa waardiyyootaa wajjin turan dallaawwan Yerusaalemitti marsanii jiran ni diigan.+