- 
	                        
            
            Isaayyaas 65:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
12 Kanaafuu, ani hiree keessan goraadeedhaan duʼuu nan godha,+
Hundi keessanis gorraʼamuuf* ni gombifamtu,+
Sababiin isaas, yeroon isin waametti deebii naaf hin kennine,
Yeroon dubbadhettis na hin dhaggeeffanne;+
Isin wanta na duratti hamaa taʼe gochuu keessan itti fuftaniittu,
Wanta na hin gammachiisnes filattaniittu.”+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Isaayyaas 66:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
4 Kanaan kan kaʼes, ani isaan adabuuf karaa nan barbaada,+
Wantuma isaan sodaatanis isaan irratti nan fida.
Sababiin isaas, yommuun isaan waametti namni tokko illee hin owwaanne;
Yommuun dubbadhettis namni tokko illee na hin dhaggeeffanne.+
Wanta na duratti hamaa taʼe gochuu isaanii itti fufaniiru,
Wanta na hin gammachiisne gochuus filataniiru.”+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Ermiyaas 7:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
13 Yihowaan akkana jedha: ‘Isin garuu wantoota kana hundumaa raawwachuu keessan itti fuftan; ani irra deddeebiʼee* kanan isinitti dubbadhe taʼus, isin hin dhageenye.+ Irra deddeebiʼeen isin waame, isin garuu hin owwaanne.+ 14 Kanaafuu, mana maqaan koo itti waamamuu+ fi isin itti amanamtan kana irratti,+ iddoon isinii fi abbootii keessaniif kenne kana irrattis akkuman Shiiloo irratti godhe nan godha.+
 
 -