- 
	                        
            
            Keessa Deebii 28:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
15 “Haa taʼu malee, ajajawwanii fi dambiiwwan isaa warra ani harʼa si ajaju kana hundumaa eeguu dhiisuudhaan sagalee Waaqa kee Yihowaa dhagaʼuu yoo didde, abaarsawwan kun baayʼinaan si irra ni gaʼu:+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Keessa Deebii 29:26, 27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
26 Kanaa mannaa, isaan dhaqanii waaqolii kan biroo warra hin beeknee fi akka waaqeffatan inni isaaniif hin heyyamne* tajaajilan, akkasumas isaaniif ni sagadan.+ 27 Achiis aariin Yihowaa inni bobaʼaan biyya sana irratti ni dhufe; abaarsa kitaaba kana irratti barreeffame hundumaas ishii irratti ni fide.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Iyyaasuu 23:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
15 Taʼus, waadaawwan gaggaariin Waaqni keessan Yihowaan isiniif gale hundi akkuma isiniif raawwatamanitti,+ Yihowaan dhaʼichawwan akka fidu dubbate hundumaa* isin irratti fidee biyya Waaqni keessan Yihowaan isiniif kenne kana irraa haxaaʼee isin ni balleessa.+ 16 Kakuu Waaqa keessan Yihowaa isa inni akka eegdaniif isin ajaje yoo cabsitan, dhaqxaniis waaqolii kan biroo yoo tajaajiltanii fi isaaniif yoo sagaddan, dheekkamsi Yihowaa isin irratti ni bobaʼa;+ isinis yeruma sana biyya gaarii inni isiniif kenne irraa ni balleeffamtu.”+
 
 -