LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 24:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Achiis Yehoyaaqiim abbootii isaa wajjin ni boqote;+ ilmi isaa Yehoyaakiinis bakka isaa mootii taʼe.

  • 2 Mootota 24:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Yehoyaakiin+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 18 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadiif ni bulche.+ Maqaan haadha isaa Nehushtaa yeroo taʼu, ishiin intala Elnaataan isa nama Yerusaalem taʼee turte.

  • 2 Mootota 24:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Akka kanaan inni Yehoyaakiiniin+ boojiʼee gara Baabilonitti geesse;+ kana malees haadha mootichaa, haadhotii manaa mootichaa, abbootii taayitaa mana mootummaa isaa fi namoota guguddaa biyyattii Yerusaalem keessaa boojiʼee gara Baabilonitti geesse.

  • 2 Seenaa Baraa 36:9, 10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Yehoyaakiin+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 18 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii fi guyyaa kudhaniif ni bulche; wanta Yihowaa duratti hamaa taʼes ni raawwate.+ 10 Jalqaba waggichaatti* Nebukadnezaar Mootichi isa, akkasumas wantoota mana Yihowaa keessa jiranii fi gatii guddaa qaban+ gara Baabilonitti akka fidaniif namoota isaa ni erge.+ Obboleessa abbaa isaa Zedeeqiyaa immoo Yihudaa fi Yerusaalem irratti mootii godhe.+

  • Ermiyaas 22:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 “Yihowaan akkana jedha: ‘Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, ati Kooniyaan*+ ilmi Yehoyaaqiim+ inni mootii Yihudaa taate qubeellaa chaaphaa harka mirgaa koo irra jiru yoo taate illee, ani harkisee achii sin baasa!

  • Ermiyaas 22:30
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Yihowaan akkana jedha:

      ‘Sanyii isaa keessaa namni tokko illee

      Teessoo Daawit irra taaʼee Yihudaa keessatti bulchuudhaan milkaaʼina waan hin arganneef,

      Nama kana akka nama mucaa hin qabneetti,

      Akka nama bara jireenyaa* isaatti milkaaʼina akkamii iyyuu hin arganneetti galmeessi.’”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi