-
2 Mootota 25:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Zedeeqiyaan mootii taʼee waggaa saglaffaatti, jiʼa kurnaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa kurnaffaatti Nebukadnezaar+ mootiin Baabilon guutummaa raayyaa waraanaa isaa wajjin Yerusaalemiin waraanuuf dhufe.+ Achiis guutummaa magaalattiitti ni marse; naannoo ishiitti marsees dallaa ijaare;+ 2 magaalattiinis hamma waggaa 11ffaa Zedeeqiyaa Mootichaatti marfamtee turte.
-
-
2 Seenaa Baraa 36:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Kanaan kan kaʼes, inni mootii Kaladootaa+ isaanitti ni erge; innis dargaggoota isaanii mana qulqullummaa isaanii+ keessatti goraadeedhaan ni ajjeese;+ dargaggeessaaf yookiin durbaaf, maanguddoodhaaf yookiin isa dadhabaadhaaf garaa hin laafne.+ Waaqayyos wanta hundumaa harka isaatti dabarsee kenne.+
-