LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 10:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Sababiin isaas, tiksitoonni hubannaa hin qaban,+

      Yihowaas hin gaafanne.+

      Isaan hubannaadhaan tarkaanfii kan hin fudhanne kanaafi,

      Bushaayeewwan isaanii hundis bittinnaaʼaniiru.”+

  • Ermiyaas 23:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Kanaafuu, Yihowaan Waaqni Israaʼel tiksitoota saba isaa tiksaniin akkana jedha: “Isin hoolota koo bittinneessitaniittu; isaan faffacaasuu keessan itti fuftaniittu; xiyyeeffannaas isaaniif hin kennine.”+

      “Kanaafuu, hojii keessan isa hamaadhaan kan kaʼe xiyyeeffannaa koo gara keessanitti nan deebisa” jedha Yihowaan.

  • Hisqiʼel 34:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 “Yaa ilma namaa, tiksitoota Israaʼel irratti raajii dubbadhu. Raajii dubbadhu, tiksitoota sanaan akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Tiksitoota Israaʼel warra of sooraniif wayyoo!+ Tiksitoonni hoolota sooruu qabu mitii?+

  • Hisqiʼel 34:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Hoolonni koo gaarota hundumaa irrattii fi tabba ol kaʼaa hundumaa irratti faffacaʼaniiru; hoolonni koo guutummaa lafaa irratti bittinnaaʼaniiru; nama isaan barbaadus taʼe isaan argachuuf carraaqqii godhu hin qaban.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi