-
Ermiyaas 18:7-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Ani sabni yookiin mootummaan tokko akka buqqifamu, akka diigamuu fi akka balleeffamu yommuun dubbadhutti,+ 8 sabni sunis hammina isaa isan mormee dubbadhe sana yoo dhiise, anis badiisa isan irratti fiduuf yaade ilaalchisee yaada koo nan jijjiira.*+ 9 Haa taʼu malee, ani sabni yookiin mootummaan tokko akka ijaaramuu fi akka dhaabamu yommuun dubbadhutti, 10 innis wanta na duratti hamaa taʼe yoo raawwatee fi sagalee kootiif ajajamuu yoo dide, anis wanta gaarii isan isaaf gochuuf yaade ilaalchisee yaada koo nan jijjiira.’*
-
-
Ermiyaas 24:5, 6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Boojiʼamtoota Yihudaa warra ani iddoo kanaa baasee gara biyya Kaladootaatti erge sana akkuma firiiwwan harbuu gaggaarii taʼan kanaatti ija gaariidhaan nan ilaala. 6 Wanta gaarii isaaniif gochuuf ija koo isaan irra nan kaaʼa; gara biyya kanaatti akka deebiʼanis nan godha.+ Isaan nan ijaara malee hin diigu; isaan nan dhaaba malee hin buqqisu.+
-