LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 8:33, 34
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 33 “Sabni kee Israaʼel irra deddeebiʼanii si irratti cubbuu hojjechuu isaaniitiin kan kaʼe diinota isaaniitiin yommuu moʼamanitti,+ gara keetti deebiʼanii maqaa keetiif ulfina yoo kennan,+ mana kana keessatti yoo kadhannaa dhiheessanii fi fudhatama argachuuf yoo si kadhatan,+ 34 ati samii keessaa dhagaʼiitii cubbuu sabni kee Israaʼel hojjeteef dhiifama godhi; gara biyya abbootii isaaniitiif kennitettis isaan deebisi.+

  • Faarfannaa 106:45
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 45 Isaaniif jedhee kakuu isaa ni yaadata,

      Jaalala isaa isa amanamaa isa guddaa* taʼeen kakaʼees isaaniif ni gadda ture.*+

  • Ermiyaas 7:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Daandiiwwan keessanii fi gochawwan keessan jijjiiraa; anis bakka kana jiraachuu keessan akka itti fuftan isiniif nan heyyama.+

  • Ermiyaas 26:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Tarii isaan si dhagaʼanii tokkoon tokkoon isaanii daandii isaanii isa hamaa irraa ni deebiʼu taʼa; anis badiisa isan gocha isaanii isa hamaadhaan kan kaʼe isaanitti fiduuf yaade sana ilaalchisee yaada koo nan jijjiira* taʼa.+

  • Hisqiʼel 18:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 “‘Namni hamaan tokko cubbuu raawwatu hundumaa irraa yoo deebiʼe, dambiiwwan koo yoo eege, wanta haqaa fi qajeelaa taʼes yoo raawwate dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata. Inni hin duʼu.+

  • Yooʼel 2:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Uffata keessan utuu hin taʼin,+ garaa keessan tarsaasaa,+

      Gara Waaqa keessan Yihowaatti deebiʼaa,

      Inni gara laafessaa* fi araara qabeessa, aariidhaaf suuta kan jedhuu+ fi jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee kan taʼe dha,+

      Inni badiisa fiduuf yaade ilaalchisee yaada isaa ni jijjiira.*

  • Yoonaas 3:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Namoonni Nanawwees Waaqayyotti ni amanan;+ sooma ni labsan, isa guddaadhaa hamma isa xinnaattis uffata gaddaa uffatan.

  • Yoonaas 3:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Waaqni dhugaan wanta isaan godhan, akkamitti daandii isaanii isa hamaa irraa akka deebiʼan yommuu argu,+ badiisa isaan irratti akka fidu dubbate sana irra deebiʼee ni yaade;* badiisichas isaan irratti hin fidne.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi