LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 12:29-31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 “Waaqni kee Yihowaan saboota ati biyya isaaniitii ariitu haxaaʼee yommuu balleessuttii+ fi atis biyya isaanii keessa yommuu jiraattutti, 30 isaan si duraa haxaaʼamanii erga balleeffamanii booda kiyyoo keessa akka hin galle of eeggadhu. ‘Saboonni kun waaqolii isaanii tajaajiluu barsiifata kan godhatan akkamitti? Anis akkanuma nan godha’ jettee waaʼee waaqolii isaanii hin gaafatin.+ 31 Isaan ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii illee waaqolii isaaniitiif ibiddaan gubuudhaan, wanta jibbisiisaa Yihowaan jibbu hundumaa waaqolii isaaniitiif ni godhu; ati garuu Waaqa kee Yihowaadhaaf wanta akkanaa hin godhin.+

  • 2 Mootota 17:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Ijoollee dhiiraa isaanii fi ijoollee durbaa isaanii ibiddaan ni guban;*+ falfala ni raawwatan;+ milkii ni ilaallatan; isa dheekkamsiisuufis wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe hojjechuuf dabarsanii of kennan.

  • 2 Seenaa Baraa 28:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Akaaz+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 20 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 16f ni bulche. Akka abbaan isaa Daawit godhetti, inni wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe hin goone.+

  • 2 Seenaa Baraa 28:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Kana malees, Sulula Ilma Hinoom* keessatti aarsaa aarfamu ni dhiheesse; akkasumas gochawwan jibbisiisoo saboonni warri Yihowaan Israaʼelota duraa ariʼe sun raawwachaa turan duukaa buʼuudhaan+ ilmaan isaa ibiddaan ni gube.+

  • 2 Seenaa Baraa 33:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 33 Minaaseen+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 12 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 55f ni bulche.+

  • 2 Seenaa Baraa 33:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Inni Sulula Ilma Hinoom+ keessatti ilmaan ofii isaa ibiddaan ni gube;*+ falfala ni raawwate;+ hooda ni dubbate; akkasumas eker dubbistootaa fi raagdota ni muude.+ Isa dheekkamsiisuufis wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe hedduu ni raawwate.

  • Hisqiʼel 20:31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Isin amma iyyuu ijoollee keessan ibiddaan gubdanii waaqolii tolfamoo keessan warra balfamoo taʼan hundumaatiif aarsaa dhiheessuudhaan hamma harʼaatti of xureessaa jirtuu?+ Yaa mana Israaʼel, ani hoo yeroo kanatti gaaffii keessaniif deebii kennuun qabaa?”’+

      “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, ani gaaffii keessaniif deebii hin kennu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi