LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 3:8, 9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Anis kana yommuun argu, waraqaa ragaa ejja ishiitiin+ kan kaʼe ani ittiin ishii hiike ishiidhaaf kennee Israaʼel ishii amanamtuu hin taane nan ariʼe.+ Taʼus obboleettiin ishii Yihudaan ishiin gantuun sun hin sodaanne; ishiinis gad baatee sagaagalummaa raawwatte.+ 9 Sagaagalummaa raawwachuu ishiis akka laayyootti ilaalte; biyyatti faaluu, akkasumas dhagootaa fi mukeetii wajjin ejja raawwachuu ishii itti fufte.+

  • Ermiyaas 5:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Maarree, gocha kee kanaaf akkamittan dhiifama siif gochuu dandaʼa?

      Ilmaan kee na dhiisaniiru,

      Isaan wanta Waaqa hin taaneen kakatu.+

      Wanta isaan barbaachisu isaaniif nan guute,

      Isaan garuu ejja raawwachuu isaanii itti fufan,

      Gara mana sagaagaltuuttis ni yaaʼan.

  • Ermiyaas 13:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Ejji raawwattee+ fi kajeellaadhaan himimsuun kee,

      Sagaagalummaan kee inni balfamaanis* ni mulʼata.

      Ani tabbawwan irrattii fi dirree keessatti,

      Amala kee isa jibbisiisaa argeera.+

      Yaa Yerusaalem, siif wayyoo!

      Hamma yoomiitti akka xurooftetti jiraatta?”+

  • Hisqiʼel 22:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Si gidduutti namni tokko haadha manaa nama kan biraa wajjin wanta jibbisiisaa taʼe raawwata,+ inni kan biraan gocha qaanessaa taʼeen haadha manaa ilma isaa xureessa,+ inni kan biraan immoo obboleettii isaa ishii intala abbaa isaa taate xureessa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi