-
Ermiyaas 3:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Anis kana yommuun argu, waraqaa ragaa ejja ishiitiin+ kan kaʼe ani ittiin ishii hiike ishiidhaaf kennee Israaʼel ishii amanamtuu hin taane nan ariʼe.+ Taʼus obboleettiin ishii Yihudaan ishiin gantuun sun hin sodaanne; ishiinis gad baatee sagaagalummaa raawwatte.+ 9 Sagaagalummaa raawwachuu ishiis akka laayyootti ilaalte; biyyatti faaluu, akkasumas dhagootaa fi mukeetii wajjin ejja raawwachuu ishii itti fufte.+
-
-
Ermiyaas 5:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Maarree, gocha kee kanaaf akkamittan dhiifama siif gochuu dandaʼa?
Ilmaan kee na dhiisaniiru,
Isaan wanta Waaqa hin taaneen kakatu.+
Wanta isaan barbaachisu isaaniif nan guute,
Isaan garuu ejja raawwachuu isaanii itti fufan,
Gara mana sagaagaltuuttis ni yaaʼan.
-