-
Ibroota 8:8-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Inni akkas jechuun isaa sabicha irratti hirʼina akka argate argisiisa: “‘Kunoo, guyyoonni ani mana Israaʼelii fi mana Yihudaa wajjin kakuu haaraa itti galu ni dhufu’ jedha Yihowaan.* 9 ‘Kunis akka kakuu isa yeroon biyya Gibxiitii isaan baasuuf+ harka isaanii qabetti abbootii isaanii wajjin gale sanaa miti; sababiin isaas, isaan kakuu kootti jabaatanii hin dhaabbanne; kanaafuu, anis isaaniif yaaduu nan dhiise’ jedha Yihowaan.*
10 “‘Guyyoota sana booda kakuun ani mana Israaʼelii wajjin galu isa kana’ jedha Yihowaan.* ‘Ani seerawwan koo sammuu isaanii keessa nan kaaʼa, garaa isaanii keessattis nan barreessa.+ Ani Waaqa isaanii nan taʼa, isaanis saba koo ni taʼu.+
11 “‘Sana booda isaan keessaa eenyu iyyuu, “Yihowaa* beeki!” jedhee lammii isaas taʼe obboleessa isaa hin barsiisu. Sababiin isaas, isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti hundi isaanii iyyuu na beeku. 12 Ani jalʼina isaan hojjetan isaaniif nan dhiisa, sana boodas cubbuu isaanii hin yaadadhu.’”+
-