LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 1:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Saba cubbamaadhaaf,+

      Uummata dogoggorri isaa itti ulfaateef,

      Sanyii namoota hamootiif, ijoollee mancaʼoo taʼaniif wayyoo!

      Isaan Yihowaa dhiisaniiru;+

      Isa Qulqulluu kan Israaʼel tuffataniiru;

      Isa irraas garagalaniiru.

  • Isaayyaas 59:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  2 Lakki, Waaqa keessan irraa kan adda isin baase balleessaa keessani.+

      Fuula isaa akka isin jalaa dhoksu kan godhe cubbuu keessani,

      Innis isin dhagaʼuu ni dide.+

  • Hisqiʼel 22:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 dhiigni dhangalaaste yakkamtuu si godheera;+ waaqolii tolfamoon kee warri balfamoo taʼanis si xureessaniiru.+ Ati yeroo guyyoonni kee itti xumuraman ariifachiisteetta; dhumni waggoota keetiis gaʼeera. Saboota duratti kan arrabsamtu, biyyoota hundumaa durattis kan itti qoosamu akka taatu kanan si godhu kanaafi.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi