-
Keessa Deebii 28:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 “Haa taʼu malee, ajajawwanii fi dambiiwwan isaa warra ani harʼa si ajaju kana hundumaa eeguu dhiisuudhaan sagalee Waaqa kee Yihowaa dhagaʼuu yoo didde, abaarsawwan kun baayʼinaan si irra ni gaʼu:+
-
-
2 Mootota 25:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe namoota magaalattii keessatti hafan kaan, gantoota gara mootii Baabilonitti goranii fi uummata isa hafe kaan boojiʼee fudhate.+ 12 Haa taʼu malee, ajajaan waardiyyootaa sun namoonni biyyattii baayʼee hiyyeeyyii taʼan tokko tokko maasii wayinii keessatti akka tajaajilanii fi hojii dirqamaa akka hojjetaniif achumatti isaan dhiise.+
-