LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 26:33
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 33 Saboota gidduutti isin nan bittinneessa;+ isin duubaan goraadeen akka luqqifamu nan godha;+ biyyi keessan ona taʼa;+ magaalonni keessanis ni balleeffamu.

  • 2 Mootota 24:14, 15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Inni namoota Yerusaalem hundumaa, bulchitoota hundumaa,+ loltoota jajjaboo taʼan hundumaa, akkasumas nama ogummaa harkaa fi ogummaa sibiilaa qabu* hundumaa,+ walumaa galatti namoota 10,000 boojiʼee fudhate. Namoota biyyattii warra hiyyeeyyii taʼaniin alatti eenyu illee achitti hin hafne.+ 15 Akka kanaan inni Yehoyaakiiniin+ boojiʼee gara Baabilonitti geesse;+ kana malees haadha mootichaa, haadhotii manaa mootichaa, abbootii taayitaa mana mootummaa isaa fi namoota guguddaa biyyattii Yerusaalem keessaa boojiʼee gara Baabilonitti geesse.

  • 2 Mootota 25:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Mootiin Baabilonis Riblaa isa biyya Hamaat+ keessatti argamutti rukutee isaan ajjeese. Akka kanaan, Yihudaan boojiʼamee biyya isaa keessaa ni fudhatame.+

  • Ermiyaas 39:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Nebuzaradaan+ inni ajajaa waardiyyootaa taʼes namoota magaalattii keessatti hafan, gantoota gara isaatti goranii fi warra achitti hafan hundumaa boojiʼee gara Baabilonitti geesse.

  • Ermiyaas 52:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Mootiin Baabilonis Riblaa+ isa biyya Hamaat keessatti argamutti rukutee isaan ajjeese. Akka kanaan, Yihudaan boojiʼamee biyya isaa keessaa ni fudhatame.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi