-
Leewwota 18:25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Kanaan kan kaʼes, biyyattiin xuroofteetti; anis sababii balleessaa ishiitiin ishii nan adaba; biyyattiinis namoota ishii keessa jiraatan ni tufti.+
-
-
Isaayyaas 24:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Biyyattiin guutummaatti duwwaa ni taati;
Yihowaan kana waan dubbateef,
Biyyattiin guutummaatti ni saamamti.+
-
-
Ermiyaas 25:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 ani maatiiwwan kaabaa hundumaatti,+ tajaajilaa koo kan taʼe Nebukadnezaar* mootii Baabilonittis dhaamsa ergee,+ biyya kana irratti, jiraattota ishii irrattii fi saboota naannoo kanatti argaman hundumaa irratti isaan nan fida”+ jedha Yihowaan. “Haxaaʼee isaan nan balleessa, wanta sodaachisaa fi kan itti siiqsamu akka taʼan, akkasumas yeroo hundumaatiif ona akka taʼan isaan nan godha.
-