LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 1:18, 19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Sababiin isaas, ani harʼa guutummaa biyyattii irratti, mootota Yihudaa fi bulchitoota ishii irratti,

      Luboota ishii fi uummata biyyattii irrattis,+

      Akkuma magaalaa dallaa dhagaa qabduu,

      Akkuma utubaa sibiilaa fi akkuma dallaawwan sibiila diimaa si godheera.+

      19 Isaan dhugumaan si lolu,

      Garuu si hin moʼan,

      Sababiin isaas, ‘Ani si oolchuuf sii wajjinan jira’+ jedha Yihowaan.”

  • Ermiyaas 15:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 “Ani saba kanaaf akkuma dallaa sibiila diimaa cimaa taʼee sin godha.+

      Isaan dhugumaan siin ni lolu,

      Garuu si hin moʼan,+

      Sababiin isaas, ani si oolchuu fi si baraaruuf sii wajjinan jira” jedha Yihowaan.

  • Miikiyaas 3:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  8 Ani garuu Yaaqoobitti fincila isaa, Israaʼelittis cubbuu isaa akkan himuuf,

      Hafuura Yihowaatiin humnaan,

      Haqaa fi jabinaan guutameera.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi