LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 30:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  2 Isaan eegumsa* Faraʼoon jalatti gaaddisa argachuuf,

      Gaaddidduu Gibxii jalattis dahoo argachuuf,

      Utuu gorsa na hin gaafatin*+ gara Gibxiitti gad buʼaniiru!+

  • Isaayyaas 36:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Kanaafuu, Raabshaaqichi akkana isaaniin jedhe: “Maaloo, Hisqiyaasiin akkana jedhaa: ‘Mootii isa guddaa kan taʼe mootiin Asoor akkana jedha: “Amanannaa akkanaa akka qabaattu kan si godhe maali dha?+

  • Isaayyaas 36:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Kunoo, ati deggersa Gibxii ishii shomboqqoo caccabaa taatee fi namni tokko yoo itti hirkate barruu isaa waraantu sanaatti amanatteetta. Faraʼoon mootiin Gibxii warra isatti amanatan hundumaatiif akkanuma dha.+

  • Ermiyaas 2:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Maarree, bishaanota Shihoor* dhuguuf

      Daandii gara Gibxiitti geessu kan hawwite maaliifi?+

      Bishaanota Lagichaa* dhuguufis

      Daandii gara Asooritti geessu kan hawwite maaliifi?+

  • Ermiyaas 37:5-7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Yeroo kanatti raayyaan waraanaa Faraʼoon Gibxii keessaa baʼee deemuu jalqabe;+ Kaladoonni Yerusaalemitti marsanii turanis waaʼee kanaa ni dhagaʼan. Kanaafuu, Yerusaalem irraa ni deebiʼan.+ 6 Achiis dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Ermiyaas ni dhufe: 7 “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Mootii Yihudaa isa akka na gaafattaniif gara kootti isin erge sanaan akkana jedhaa: “Kunoo, raayyaan waraanaa Faraʼoon inni isin gargaaruuf dhufe gara biyya isaa Gibxiitti deebiʼuuf ni dirqama.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi