-
Daaniʼel 4:13-16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 “‘Siree koo irra ciisee mulʼatawwan gara sammuu kootti dhufan utuman ilaalaa jiruu eegduu qulqulluun tokko samii irraa yommuu gad buʼu nan arge.+ 14 Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhe: “Mukicha muraa,+ dameewwan isaa kukkutaa, baala isaa irraa harcaasaa, firiiwwan isaas bittinneessaa! Bineensonni jala isaatii, simbirroonnis dameewwan isaa irraa haa baqatan. 15 Gufuu isaa garuu akkuma hiddi isaa lafa keessa jirutti sibiilaa fi sibiila diimaadhaan hidhaatii marga dirree irra jiru gidduutti dhiisaa. Inni fixeensa samiitiin haa jiidhu; gaʼeen isaas bineensota bosonaa wajjin biqiltoota lafaa gidduu jiraachuu haa taʼu.+ 16 Sammuun* isaa kan namootaa irraa jijjiiramee sammuun* bineensaa isaaf haa kennamu; barri torbas+ isa irratti haa darbu.+
-