LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Daaniʼel 4:23-26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 “‘Mootichis eegduu qulqulluun+ tokko samii irraa yommuu gad buʼu ni arge; innis akkana jedhe: “Mukicha muraatii balleessaa; gufuu isaa garuu akkuma hiddi isaa lafa keessa jirutti sibiilaa fi sibiila diimaadhaan hidhaatii marga dirree irra jiru gidduutti dhiisaa. Fixeensi samii isa haa jiisu; hamma barri torba isa irratti darbuttis gaʼeen isaa bineensota bosonaa wajjin jiraachuu haa taʼu.”+ 24 Yaa mootii, hiikni isaa kana dha; kun labsii Inni Hundaa Olii si gooftaa koo mooticha irra akka gaʼu dabarse dha. 25 Ati namoota gidduudhaa ni ariʼamta; bineensota bosonaa wajjinis ni jiraatta; akkuma qotiyyootti akka nyaattuuf margi siif ni kennama; fixeensi samii si jiisa;+ Inni Hundaa Olii mootummaa ilmaan namootaa irratti Bulchaa taʼuu isaa fi nama barbaade kamiif iyyuu akka isa kennu hamma beektutti+ barri torba+ si irratti ni darba.+

      26 “‘Haa taʼu malee, gufuun mukichaa hidda isaa wajjin akka dhiifamu+ waan dubbatameef, atis bulchaa dhugaan samii keessa akka jiru* erga beektee booda mootummaan kee siif deebiʼa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi