LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Saamuʼel 2:7, 8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Yihowaan ni hiyyoomsa, ni sooromsas;+

      Inni ni salphisa, olis ni qaba.+

       8 Inni isa rakkataa awwaara irraa ni kaasa;

      Isa hiyyeessas tuullaa daaraa* irraa ol ni kaasa,+

      Bulchitootaa wajjin akka taaʼan godha,

      Barcuma ulfinaa isaaniif ni kenna.

      Utubaawwan lafaa kan Yihowaa ti,+

      Innis lafa oomisha kennitu isaan irra kaaʼe.

  • Iyyoob 34:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Qorannaa gochuun utuu isa hin barbaachisin warra aangoo qaban ni cabsa,

      Warra kaanis bakka isaanii ni dhaaba.+

  • Ermiyaas 27:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 ‘Humna koo isa guddaa fi irree koo isa diriirfameen lafa, ilmaan namootaa fi bineensota lafa irra jiran kan uume ana dha; isas naman barbaadeef* kenneera.+

  • Hisqiʼel 21:26, 27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Marata mataa of irraa fuudhi, gonfoos of irraa kaasi.+ Kun akka kanaan itti hin fufu.+ Isa gad deebiʼe ol kaasi,+ isa ol kaʼes gad deebisi.+ 27 Ani isa nan diiga, nan diiga, nan diiga. Hamma inni mirga seeraa qabu sun dhufutti,+ inni kan eenyuu iyyuu hin taʼu; anis isaaf nan kenna.’+

  • Daaniʼel 2:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Inni yeroo fi waqtii ni jijjiira,+

      Mootota iddoo isaaniitii ni kaasa, ni muudas,+

      Ogeeyyiidhaaf ogummaa, warra hubannaa qabaniifis beekumsa ni kenna.+

  • Daaniʼel 7:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 “Anis mulʼata halkan natti dhufe sana ilaaluu koo ittan fufe; kunoo, ilma namaa+ kan fakkaatu tokko duumessa samii wajjin ni dhufe; innis gara Isa Bara Dheeraa Jiraate+ sanaatti akka seenu isaaf ni heyyamame; isaanis isa duratti isa dhiheessan. 14 Achiis uummanni, saboonnii fi namoonni qooqa garaa garaa dubbatan hundi akka isa tajaajilaniif, bulchiinsi,+ ulfinnii+ fi mootummaan isaaf ni kenname.+ Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa ti, hin darbus; mootummaan isaas hin balleeffamu.+

  • Luqaas 1:32, 33
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 32 Inni guddaa ni taʼa;+ Ilma Isa Hundaa Olii ni jedhama;+ Yihowaanis* teessoo abbaa isaa Daawit isaaf ni kenna;+ 33 inni mana Yaaqoob irratti bara baraaf Mootii taʼee ni bulcha; Mootummaan isaas dhuma hin qabaatu.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi