-
Iyyoob 34:24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Qorannaa gochuun utuu isa hin barbaachisin warra aangoo qaban ni cabsa,
Warra kaanis bakka isaanii ni dhaaba.+
-
-
Hisqiʼel 21:26, 27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Marata mataa of irraa fuudhi, gonfoos of irraa kaasi.+ Kun akka kanaan itti hin fufu.+ Isa gad deebiʼe ol kaasi,+ isa ol kaʼes gad deebisi.+ 27 Ani isa nan diiga, nan diiga, nan diiga. Hamma inni mirga seeraa qabu sun dhufutti,+ inni kan eenyuu iyyuu hin taʼu; anis isaaf nan kenna.’+
-
-
Daaniʼel 7:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 “Anis mulʼata halkan natti dhufe sana ilaaluu koo ittan fufe; kunoo, ilma namaa+ kan fakkaatu tokko duumessa samii wajjin ni dhufe; innis gara Isa Bara Dheeraa Jiraate+ sanaatti akka seenu isaaf ni heyyamame; isaanis isa duratti isa dhiheessan. 14 Achiis uummanni, saboonnii fi namoonni qooqa garaa garaa dubbatan hundi akka isa tajaajilaniif, bulchiinsi,+ ulfinnii+ fi mootummaan isaaf ni kenname.+ Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa ti, hin darbus; mootummaan isaas hin balleeffamu.+
-