-
Hisqiʼel 21:26, 27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Marata mataa of irraa fuudhi, gonfoos of irraa kaasi.+ Kun akka kanaan itti hin fufu.+ Isa gad deebiʼe ol kaasi,+ isa ol kaʼes gad deebisi.+ 27 Ani isa nan diiga, nan diiga, nan diiga. Hamma inni mirga seeraa qabu sun dhufutti,+ inni kan eenyuu iyyuu hin taʼu; anis isaaf nan kenna.’+
-
-
Daaniʼel 4:25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Ati namoota gidduudhaa ni ariʼamta; bineensota bosonaa wajjinis ni jiraatta; akkuma qotiyyootti akka nyaattuuf margi siif ni kennama; fixeensi samii si jiisa;+ Inni Hundaa Olii mootummaa ilmaan namootaa irratti Bulchaa taʼuu isaa fi nama barbaade kamiif iyyuu akka isa kennu hamma beektutti+ barri torba+ si irratti ni darba.+
-