Uumama 49:10 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 10 Hamma Shiiloon* dhufutti,+ uleen mootii Yihudaa+ keessaa, uleen ajajaas miila isaa gidduudhaa hin baʼu; saboonnis isaaf ni ajajamu.+ Faarfannaa 89:3, 4 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 3 “Isan filadhee wajjin kakuu galeera;+Tajaajilaa koo Daawitiif akkana jedhee kakadheera:+ 4 ‘Sanyii kee+ bara baraaf cimsee nan dhaaba,Teessoo kees dhaloota hundumaatiif nan ijaara.’”+ (Seelaa) Faarfannaa 110:1 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 110 Yihowaan Gooftaa kootiin,“Diinota kee ejjeta miila keetii hamman siif godhutti+Mirga koo taaʼi”+ jedheera. Isaayyaas 9:6 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 6 Mucaan nuuf dhalateera,+Ilmi nuuf kennameera;Bulchiinsi* gateettii isaa irra ni taʼa.+ Maqaan isaas, Gorsaa Dinqii,+ Waaqa Jabaa,+ Abbaa Bara Baraa, Bulchaa Nagaa jedhama. Isaayyaas 11:10 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 10 Guyyaa sanatti hiddi Issey+ sabootaaf mallattoo*+ taʼee dhaabbata. Saboonnis qajeelfama argachuuf gara isaatti garagalu,*+Bakki boqonnaa isaas ulfina qabeessa ni taʼa. Luqaas 1:32, 33 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 32 Inni guddaa ni taʼa;+ Ilma Isa Hundaa Olii ni jedhama;+ Yihowaanis* teessoo abbaa isaa Daawit isaaf ni kenna;+ 33 inni mana Yaaqoob irratti bara baraaf Mootii taʼee ni bulcha; Mootummaan isaas dhuma hin qabaatu.”+ Mulʼata 5:5 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 5 Haa taʼu malee, jaarsolii sana keessaa inni tokko, “Hin booʼin. Kunoo, Leenci gosa Yihudaa,+ hiddi+ Daawit,+ maraa kitaabaa kana hiikuu fi chaappaawwan isaa torban banuuf injifateera”+ naan jedhe.
10 Hamma Shiiloon* dhufutti,+ uleen mootii Yihudaa+ keessaa, uleen ajajaas miila isaa gidduudhaa hin baʼu; saboonnis isaaf ni ajajamu.+
3 “Isan filadhee wajjin kakuu galeera;+Tajaajilaa koo Daawitiif akkana jedhee kakadheera:+ 4 ‘Sanyii kee+ bara baraaf cimsee nan dhaaba,Teessoo kees dhaloota hundumaatiif nan ijaara.’”+ (Seelaa)
110 Yihowaan Gooftaa kootiin,“Diinota kee ejjeta miila keetii hamman siif godhutti+Mirga koo taaʼi”+ jedheera.
6 Mucaan nuuf dhalateera,+Ilmi nuuf kennameera;Bulchiinsi* gateettii isaa irra ni taʼa.+ Maqaan isaas, Gorsaa Dinqii,+ Waaqa Jabaa,+ Abbaa Bara Baraa, Bulchaa Nagaa jedhama.
10 Guyyaa sanatti hiddi Issey+ sabootaaf mallattoo*+ taʼee dhaabbata. Saboonnis qajeelfama argachuuf gara isaatti garagalu,*+Bakki boqonnaa isaas ulfina qabeessa ni taʼa.
32 Inni guddaa ni taʼa;+ Ilma Isa Hundaa Olii ni jedhama;+ Yihowaanis* teessoo abbaa isaa Daawit isaaf ni kenna;+ 33 inni mana Yaaqoob irratti bara baraaf Mootii taʼee ni bulcha; Mootummaan isaas dhuma hin qabaatu.”+
5 Haa taʼu malee, jaarsolii sana keessaa inni tokko, “Hin booʼin. Kunoo, Leenci gosa Yihudaa,+ hiddi+ Daawit,+ maraa kitaabaa kana hiikuu fi chaappaawwan isaa torban banuuf injifateera”+ naan jedhe.