LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 26:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Yaa saba koo, dhaqi, gara kutaa kee isa keessaatti seeni,

      Balbala kees of duubaan cufadhu.+

      Hamma dheekkamsi* darbutti

      Yeroo xinnoodhaaf dhokadhu.+

  • Yooʼel 2:31, 32
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Guyyaan Yihowaa inni guddaanii fi sodaachisaan dhufuu isaa dura,+

      Aduun ni dukkanoofti, addeessis gara dhiigaatti ni jijjiiramti.+

      32 Namni maqaa Yihowaa waammatu hundi ni fayya;+

      Akkuma Yihowaan jedhe, Gaara Xiyoon irra, Yerusaalem keessas warri miliqan,+

      Jechuunis warri badiisa irraa oolanii fi Yihowaan waame ni jiraatu.”

  • Maatewos 24:21, 22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 sababiin isaas, yeroo sanatti rakkinni guddaan+ jalqaba addunyaatii kaasee hanga ammaatti taʼee hin beeknee fi lammatas hin taane ni dhufa.+ 22 Guyyoonni sun utuu hin gabaabbanne taʼee, eenyu iyyuu* ooluu hin dandaʼu ture; haa taʼu malee, guyyoonni sun warra filatamaniif jecha ni gabaabbatu.+

  • Mulʼata 7:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Jaarsolii sana keessaa inni tokko deebisee, “Warri uffata aʼadii uffatan+ kun eenyu faʼi? Kan dhufan hoo eessaa ti?” naan jedhe. 14 Kanaafuu yeruma sana, “Yaa gooftaa koo, situ beeka” jedheen deebise. Innis akkana naan jedhe: “Warri kun warra rakkina guddaa+ keessaa dhufani dha; isaan uffata isaanii dhiiga Hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniiru.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi