-
Lakkoofsa 25:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Israaʼel yommuu Shitiim+ keessa jiraachaa turetti, sabichi dubartoota Moʼaabii wajjin ejja raawwate.+ 2 Dubartoonni sunis sabicha gara aarsaawwan waaqolii isaaniitiif dhiheessanitti ni affeeran;+ sabichis isa irraa nyaachuu fi waaqolii isaaniitiif sagaduu jalqabe.+ 3 Kanaafuu, Israaʼel isaanii wajjin waaqeffannaa Baʼaal isa Pheʼor* irratti ni hirmaate;+ Yihowaanis Israaʼelitti ni dheekkame.
-
-
Keessa Deebii 4:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 “Baʼaal isa Pheʼoriin ilaalchisee wanta Yihowaan godhe ijuma keessaniin argitaniittu; Waaqni keessan Yihowaan nama Baʼaal isa Pheʼor duukaa buʼe hundumaa isin gidduudhaa haxaaʼee balleesseera.+
-