-
Keessa Deebii 30:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Waaqni kee Yihowaan gara biyya abbootiin kee dhaalaan fudhatanitti si deebisa; atis isa ni dhaalta; innis abbootii kee caalaa badhaadhaa si godha, si baayʼisas.+
-
-
Ermiyaas 32:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Sababiin isaas, Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Ammas biyya kana keessatti manneen, maasiiwwanii fi maasiiwwan wayinii ni bitamu.’”+
-
-
Hisqiʼel 28:25, 26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 “‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yommuun mana Israaʼel saboota isaan gidduu isaaniitti bittinnaaʼan keessaa walitti qabutti,+ saboota duratti isaan gidduutti qulqulluu nan taʼa.+ Isaanis biyya isaanii isa ani tajaajilaa koo Yaaqoobiif kenne+ irra ni jiraatu.+ 26 Achi irras tasgabbiidhaan ni jiraatu;+ manneen ni ijaarratu, muka wayiniis ni dhaabbatu;+ yommuu ani warra isaanitti marsanii jiranii fi isaan tuffatan hundumaa irratti murtii dabarsutti+ isaan tasgabbiidhaan ni jiraatu; ani Waaqa isaanii Yihowaa taʼuu koos dhugumaan ni hubatu.”’”
-