LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 26:5, 6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Waqtiin midhaan itti dhooftan hamma yeroo firiin wayinii itti sassaabamuutti tura; yeroon firiin wayinii itti sassaabamus hamma yeroo midhaan itti facaafamuutti tura; isinis nyaata keessan nyaattanii ni quuftu; tasgabbiidhaanis biyya keessan keessa jiraattu.+ 6 Biyya keessan keessatti nagaa nan buusa;+ namni tokko illee utuu isin hin sodaachisin ciistu;+ bineensota bosonaa hamoo taʼan biyya keessan keessaa nan baasa; goraadeen lolaas biyya keessan keessa hin darbu.

  • Ermiyaas 23:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Bara isaatti Yihudaan ni oolti;+ Israaʼelis tasgabbiidhaan ni jiraatti.+ Maqaan inni ittiin waamamus, ‘Yihowaan Qajeelummaa Keenya Dha’ kan jedhu taʼa.”+

  • Miikiyaas 4:3, 4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  3 Inni namoota hedduu gidduutti murtii ni kenna,+

      Dhimmoota saboota jajjaboo fagoo jiraniitiifis furmaata ni argamsiisa.

      Isaan goraadee isaanii tumanii gara maarashaatti,

      Eeboo isaaniis tumanii gara haamtuutti ni jijjiiru.+

      Sabni saba irratti goraadee hin kaasu,

      Isaan kana booda waraana hin baratan.+

       4 Tokkoon tokkoon isaanii muka wayinii isaanii fi muka harbuu isaanii jala ni taaʼu,*+

      Eenyu iyyuu isaan hin sodaachisu,+

      Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaan Raayyaa kana dubbateera.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi