LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 9:25, 26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, guyyaan ani isa dhaqna qabate, garuu immoo dhugumaan dhaqna hin qabanne hundumaa,+ 26 jechuunis warra Gibxii,+ warra Yihudaa+ fi warra Edoom,+ Amoonotaa+ fi Moʼaabota,+ akkasumas warra rifeensi illee* isaanii haadamee fi lafa onaa keessa jiraatan hundumaa itti adabu ni dhufa;+ sababiin isaas, saboonni hundi dhaqna hin qabanne; guutummaan mana Israaʼelis garaan isaanii dhaqna hin qabamne.”+

  • Ermiyaas 25:32
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 32 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:

      ‘Kunoo, badiisni tokko saba irraa gara sabaatti babalʼachaa jira,+

      Bubbee cimaan tokkos andaara lafaa hundumaa irraa ni gadhiifama.+

  • Yooʼel 3:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 “Ani saboota kallattii hundumaatiin jiran irratti murteessuuf achi waanan taaʼuuf,+

      Saboonni kaʼanii gara Sulula* Yoshaafaax haa dhufan.

  • Yooʼel 3:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Guyyaan Yihowaa sulula* murtoo keessatti waan dhihaateef,+

      Namoonni hedduun, eeyyee, namoonni hedduun sulula* murtoo sana keessa jiru.

  • Miikiyaas 5:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Ani saboota hin ajajamne irratti,

      Aarii fi dheekkamsaan haaloo nan baʼa.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi