LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 13:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Baabilon ishiin mootummoota hunda caalaa ulfina qabeettii taate,*+

      Ishiin bareedina Kaladootaa taatee fi isaan ittiin boonan,+

      Akkuma Sodoomii fi Gomoraa warra Waaqayyo garagalche sanaa ni taati.+

  • Ermiyaas 27:6, 7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Ammas ani biyyoota kana hundumaa tajaajilaa koo kan taʼe Nebukadnezaar mootii Baabiloniif kenneera;+ akka isa tajaajilaniif bineensota bosonaa illee isaaf kenneera. 7 Hamma yeroon biyyi isaa itti kufu gaʼutti, jechuunis hamma saboonni hedduunii fi mootummoonni guguddaan isa garboomfatanitti,+ saboonni hundi isa, ilma isaa fi ilma ilma isaa ni tajaajilu.’+

  • Zakkaariyaas 2:7-9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 “Yaa Xiyoon ishii intala Baabilonii wajjin jiraattu nana, miliqii kottu.+ 8 Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaan Raayyaa inni erga ulfina argatee booda* saboota isin saamanii turanitti na erge akkana jedha:+ ‘Kan isin tuqu kam iyyuu qaroo ija kootii tuqa.+ 9 Ani harka koo isaan irratti nan raasa, isaanis garbootuma isaaniitiin ni saamamu.’+ Isinis Yihowaan Gooftaan Raayyaa akka na erge dhugumaan ni beektu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi