LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 75:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  8 Xoofoon tokko harka Yihowaa keessa jira;+

      Daadhiin wayinii hoomacha baasaa jira, guutummaattis kan walitti makame dha.

      Inni dhugumaan isa ni dhangalaasa,

      Hamoonni lafa irra jiraatan hundis siicoo isaa wajjin isa ni dhugu.”+

  • Isaayyaas 51:22, 23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Gooftaan kee Yihowaan, Waaqni kee inni saba isaatiif falmu akkana jedha:

      “Kunoo, ani xoofoo nama gatantarsu,+

      Xoofoo, eeyyee, xoofoo dheekkamsaa koo si harkaa nan fudhadha;

      Atis matumaa lammata isa hin dhugdu.+

      23 Anis xoofoo sana harka warra si dhiphisan,

      Warra, ‘Nuti akka si irra deemnuuf gombifami!’ siin jedhan sanaa keessa nan kaaʼa.+

      Atis akka si irra deemaniif

      Dugda kee akkuma lafaa, akkuma daandiis isaaniif gooteetta.”

  • Ermiyaas 25:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Isaan xoofoo sana si harkaa fuudhanii dhuguu yoo didan, akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Dirqama dhuguu qabdu!

  • Ermiyaas 51:57
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 57 Ani guguddoota ishii fi namoota ishii warra ogeeyyii taʼan,

      Bulchitoota ishii fi bulchitoota ishii warra gad aanoo, akkasumas loltoota ishii nan macheessa,+

      Isaanis hirriba bara baraa

      Isa irraa dammaquu hin dandeenye ni rafu”+ jedha Mootichi, inni maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa taʼe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi