-
2 Mootota 25:8-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Jiʼa shanaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa torbaffaatti, jechuunis Nebukadnezaar mootiin Baabilon mootii taʼee waggaa 19ffaa isaatti, Nebuzaradaan+ inni ajajaa waardiyyootaa fi tajaajilaa mootii Baabilon taʼe gara Yerusaalem ni dhufe.+ 9 Innis mana Yihowaa,+ mana mootichaa+ fi manneen Yerusaalem hundumaa ni gube;+ akkasumas mana namoota beekamoo taʼanii hunda ni gube.+ 10 Guutummaan raayyaa waraanaa Kaladootaa warri ajajaa waardiyyootaa wajjin turan dallaawwan Yerusaalemitti marsanii jiran ni diigan.+
-
-
Ermiyaas 52:12-14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Jiʼa shanaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa kurnaffaatti, jechuunis Nebukadnezaar* mootiin Baabilon mootii taʼee waggaa 19ffaa isaatti, Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa fi tajaajilaa mootii Baabilon taʼe gara Yerusaalem ni dhufe.+ 13 Innis mana Yihowaa, mana* mootichaa fi manneen Yerusaalem hundumaa ni gube;+ akkasumas mana guddaa hunda ni gube. 14 Guutummaan raayyaa waraanaa Kaladootaa warri ajajaa waardiyyootaa wajjin turanis dallaawwan Yerusaalemitti marsanii jiran ni diigan.+
-