-
Keessa Deebii 7:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Gaaʼelaan isaanitti hin firoomin. Ijoollee durbaa kee ijoollee dhiiraa isaaniitiif hin kennin yookiin ijoollee durbaa isaanii ijoollee dhiiraa keetiif hin fudhatin.+
-
-
1 Mootota 11:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Haa taʼu malee, Solomoon Mootichi intala Faraʼoon+ malees, dubartoota biyya ormaa+ hedduu, jechuunis dubartoota biyya Moʼaab,+ biyya Amoon,+ biyya Edoom, biyya Siidoonii+ fi biyya Heet+ ni jaallate. 2 Isaan saboota Yihowaan, “Isaan waaqolii isaanii akka hordoftan garaa keessan waan jalʼisaniif, isin isaanii wajjin walitti hin makaminaa;* isaanis isinii wajjin walitti hin makamin”+ jedhee waaʼee isaanii Israaʼelotatti dubbate keessaa kan dhufan turan. Solomoon garuu isaanitti ni maxxane; isaan ni jaallates.
-