LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 34:15, 16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Jiraattota biyyattii wajjin kakuu akka hin galle of eeggadhu; sababiin isaas, yommuu isaan waaqolii isaanii wajjin sagaagalanittii fi waaqolii isaaniitiif aarsaa dhiheessanitti,+ namni tokko si affeeree atis aarsaa inni dhiheesse irraa nyaachuu dandeessa taʼa.+ 16 Achiis ijoollee dhiiraa kee ijoollee durbaa isaanii fuusisuun kee hin oolu;+ ijoolleen durbaa isaaniis waaqolii isaanii wajjin sagaagaluu fi ijoolleen dhiiraa kees waaqolii isaanii wajjin akka sagaagalan gochuun isaanii hin oolu.+

  • Lakkoofsa 25:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Israaʼel yommuu Shitiim+ keessa jiraachaa turetti, sabichi dubartoota Moʼaabii wajjin ejja raawwate.+ 2 Dubartoonni sunis sabicha gara aarsaawwan waaqolii isaaniitiif dhiheessanitti ni affeeran;+ sabichis isa irraa nyaachuu fi waaqolii isaaniitiif sagaduu jalqabe.+

  • Keessa Deebii 7:3, 4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Gaaʼelaan isaanitti hin firoomin. Ijoollee durbaa kee ijoollee dhiiraa isaaniitiif hin kennin yookiin ijoollee durbaa isaanii ijoollee dhiiraa keetiif hin fudhatin.+ 4 Sababiin isaas, isaan ilmaan kee ana duukaa buʼuu irraa goranii waaqolii kan biroo akka tajaajilan ni godhu;+ achiis dheekkamsi Yihowaa si irratti bobaʼa; innis hatattamaan haxaaʼee si balleessa.+

  • 1 Mootota 11:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Haa taʼu malee, Solomoon Mootichi intala Faraʼoon+ malees, dubartoota biyya ormaa+ hedduu, jechuunis dubartoota biyya Moʼaab,+ biyya Amoon,+ biyya Edoom, biyya Siidoonii+ fi biyya Heet+ ni jaallate.

  • 1 Mootota 11:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Solomoon bara dulluma+ isaatti haadhotiin manaa isaa waaqolii kan biroo duukaa akka buʼu garaa isaa ni jalʼisan;+ garaan isaas akka garaa abbaa isaa Daawit Waaqa isaa Yihowaa duratti guutuu* hin turre.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi