-
Maatewos 16:24, 25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Achiis Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe: “Namni kam iyyuu ana duukaa buʼuu yoo barbaade of haa ganu; muka dhiphinaa* isaa baatees yeroo hunda ana duukaa haa buʼu.+ 25 Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; namni anaaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu garuu lubbuu isaa ni argata.+
-
-
Maarqos 8:34, 35Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
34 Yeroo kanatti namoota sanaa fi barattoota isaa ofitti waamee akkana isaaniin jedhe: “Namni kam iyyuu ana duukaa buʼuu yoo barbaade of haa ganu; muka dhiphinaa isaa* baatees yeroo hunda ana duukaa haa buʼu.+ 35 Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; namni anaa fi misiraachichaaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu garuu lubbuu isaa ni oolfata.+
-