LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 12:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Guyyaa jalqabaatti walgaʼii qulqulluu ni godhattu; guyyaa torbaffaatti immoo walgaʼii qulqulluu kan biraa ni godhattu. Guyyoota kanatti hojiin akkamii iyyuu hojjetamuu hin qabu.+ Wanta tokkoon tokkoon namaa* nyaatu qofa qopheessaa.

  • Keessa Deebii 23:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 “Gara maasii midhaanii nama tokkootti yoo seente, midhaan gaʼe sana harka keetiin cirachuu dandeessa; taʼus, midhaan nama sanaa haamtuudhaan haamuu hin qabdu.+

  • Maarqos 2:23-28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Yesuus guyyaa Sanbataatti maasii midhaanii keessa darbaa ture; barattoonni isaas utuu deemanii asheeta cirachuu jalqaban.+ 24 Kanaafuu Fariisonni, “Ilaali, wanta guyyaa Sanbataatti seeraan dhorkame maaliif godhu?” isaan jedhan. 25 Inni garuu akkana isaaniin jedhe: “Daawit, innii fi namoonni isaa wajjin turan yeroo wanta nyaatan dhabanii beelaʼan maal akka godhe matumaa hin dubbisnee?+ 26 Seenaa waaʼee Abiyaataar+ dura buʼaa lubootaa ibsu keessatti, Daawit mana Waaqayyoo keessa seenee daabboo Waaqayyo duratti dhihaatu* isa luboota malee eenyu illee akka nyaatu hin heyyamamne+ akka nyaatee fi namoota isaa wajjin turaniifis akka kenne hin dubbisnee?” 27 Achiis akkana isaaniin jedhe: “Sanbatatu namaaf uumame+ malee, namni Sanbataaf hin uumamne. 28 Kanaafuu, Ilmi namaa Sanbataaf illee Gooftaa dha.”+

  • Luqaas 6:1-5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Guyyaa sanbataa tokko Yesuus maasii midhaanii keessa utuu darbaa jiruu, barattoonni isaa asheeta ciratanii+ sukkuumanii nyaatu turan.+ 2 Yeroo kanatti Fariisonni tokko tokko, “Isin wanta guyyaa Sanbataatti+ seeraan dhorkame maaliif gootu?” jedhan. 3 Yesuus garuu deebisee akkana isaaniin jedhe: “Daawit, innii fi namoonni isaa wajjin turan yeroo beelaʼanitti maal akka godhe matumaa hin dubbisnee?+ 4 Inni mana Waaqayyoo keessa hin seennee? Daabboo Waaqayyo duratti dhihaatu* isa luboota qofa malee, eenyu iyyuu akka nyaatu hin heyyamamne+ fuudhee nyaatee, namoota isaa wajjin turaniifis kennee hin turree?” 5 Achiis, “Ilmi namaa Gooftaa Sanbataa ti”+ isaaniin jedhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi