-
Maatewos 12:1-8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Yeroo sanatti Yesuus guyyaa Sanbataatti maasii midhaanii keessa darbaa ture. Barattoonni isaa waan beelaʼaniif asheeta ciratanii nyaachuu jalqaban.+ 2 Fariisonni kana yeroo argan, “Ilaa, barattoonni kee wanta guyyaa Sanbataatti+ seeraan dhorkame gochaa jiru” isaan jedhan. 3 Innis akkana isaaniin jedhe: “Daawit, innii fi namoonni isaa wajjin turan yeroo beelaʼanitti maal akka godhe hin dubbisnee?+ 4 Inni mana Waaqayyoo keessa hin seennee? Akkasumas innii fi namoonni isaa daabboo Waaqayyo duratti dhihaatu*+ isa luboota qofa+ malee, innis taʼe namoonni isaa wajjin turan nyaachuun isaaniif hin heyyamamne nyaatanii turan mitii? 5 Yookiin luboonni guyyaa Sanbataatti mana qulqullummaa keessatti Seera Sanbataa kan cabsan taʼus yakkamtoota akka hin taane Seericha keessatti hin dubbisnee?+ 6 Ani garuu isinitti nan hima, mana qulqullummaa irra kan caalu as jira.+ 7 Haa taʼu malee, ‘Ani aarsaa utuu hin taʼin gara laafinan+ barbaada’+ inni jedhu, maal jechuu akka taʼe utuu hubattaniittu taʼee namoota balleessaa hin qabne hin balaaleffattan turtan. 8 Sababiin isaas, Ilmi namaa Gooftaa Sanbataa ti.”+
-
-
Luqaas 6:1-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Guyyaa sanbataa tokko Yesuus maasii midhaanii keessa utuu darbaa jiruu, barattoonni isaa asheeta ciratanii+ sukkuumanii nyaatu turan.+ 2 Yeroo kanatti Fariisonni tokko tokko, “Isin wanta guyyaa Sanbataatti+ seeraan dhorkame maaliif gootu?” jedhan. 3 Yesuus garuu deebisee akkana isaaniin jedhe: “Daawit, innii fi namoonni isaa wajjin turan yeroo beelaʼanitti maal akka godhe matumaa hin dubbisnee?+ 4 Inni mana Waaqayyoo keessa hin seennee? Daabboo Waaqayyo duratti dhihaatu* isa luboota qofa malee, eenyu iyyuu akka nyaatu hin heyyamamne+ fuudhee nyaatee, namoota isaa wajjin turaniifis kennee hin turree?” 5 Achiis, “Ilmi namaa Gooftaa Sanbataa ti”+ isaaniin jedhe.
-