LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 12:1-8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Yeroo sanatti Yesuus guyyaa Sanbataatti maasii midhaanii keessa darbaa ture. Barattoonni isaa waan beelaʼaniif asheeta ciratanii nyaachuu jalqaban.+ 2 Fariisonni kana yeroo argan, “Ilaa, barattoonni kee wanta guyyaa Sanbataatti+ seeraan dhorkame gochaa jiru” isaan jedhan. 3 Innis akkana isaaniin jedhe: “Daawit, innii fi namoonni isaa wajjin turan yeroo beelaʼanitti maal akka godhe hin dubbisnee?+ 4 Inni mana Waaqayyoo keessa hin seennee? Akkasumas innii fi namoonni isaa daabboo Waaqayyo duratti dhihaatu*+ isa luboota qofa+ malee, innis taʼe namoonni isaa wajjin turan nyaachuun isaaniif hin heyyamamne nyaatanii turan mitii? 5 Yookiin luboonni guyyaa Sanbataatti mana qulqullummaa keessatti Seera Sanbataa kan cabsan taʼus yakkamtoota akka hin taane Seericha keessatti hin dubbisnee?+ 6 Ani garuu isinitti nan hima, mana qulqullummaa irra kan caalu as jira.+ 7 Haa taʼu malee, ‘Ani aarsaa utuu hin taʼin gara laafinan+ barbaada’+ inni jedhu, maal jechuu akka taʼe utuu hubattaniittu taʼee namoota balleessaa hin qabne hin balaaleffattan turtan. 8 Sababiin isaas, Ilmi namaa Gooftaa Sanbataa ti.”+

  • Maarqos 2:23-28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Yesuus guyyaa Sanbataatti maasii midhaanii keessa darbaa ture; barattoonni isaas utuu deemanii asheeta cirachuu jalqaban.+ 24 Kanaafuu Fariisonni, “Ilaali, wanta guyyaa Sanbataatti seeraan dhorkame maaliif godhu?” isaan jedhan. 25 Inni garuu akkana isaaniin jedhe: “Daawit, innii fi namoonni isaa wajjin turan yeroo wanta nyaatan dhabanii beelaʼan maal akka godhe matumaa hin dubbisnee?+ 26 Seenaa waaʼee Abiyaataar+ dura buʼaa lubootaa ibsu keessatti, Daawit mana Waaqayyoo keessa seenee daabboo Waaqayyo duratti dhihaatu* isa luboota malee eenyu illee akka nyaatu hin heyyamamne+ akka nyaatee fi namoota isaa wajjin turaniifis akka kenne hin dubbisnee?” 27 Achiis akkana isaaniin jedhe: “Sanbatatu namaaf uumame+ malee, namni Sanbataaf hin uumamne. 28 Kanaafuu, Ilmi namaa Sanbataaf illee Gooftaa dha.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi