LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maarqos 12:1-9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Achiis akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbachuu jalqabe: “Namni tokko wayinii dhaabee+ naannoo isaatti dallaa ijaare; achiis boolla wayinii itti cuunfan qote; siree irra taaʼanii eeganis ni ijaare;+ sana booda maasii isaa kana qonnaan bultootaaf kireessee gara biyya fagoo dhaqe.+ 2 Waqtiin isaa yommuu gaʼus, firii wayinichaa keessaa muraasa akka isaan biraa fidu garbicha tokko gara qonnaan bultoota sanaatti erge. 3 Isaan garuu qabanii isa reeban,* harka duwwaas isa ariʼan. 4 Ammas garbicha kan biraa isaanitti erge, isaan garuu mataa isaa buruqsan, akkasumas isa salphisan.+ 5 Ammas garbicha kan biraa erge, isaan garuu isa ajjeesan; kan biraa hedduus isaanitti erge, isaan garuu isaan keessaa tokko tokko ni reeban, tokko tokko immoo ni ajjeesan. 6 Amma kan isa hafe ilma isaa isa jaallatamaa+ dha. Dhuma irrattis, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee gara isaaniitti isa erge. 7 Qonnaan bultoonni sun garuu, ‘Dhaaltichi+ isa kana. Kottaa, isa ajjeesna, dhaalli isaas kan keenya taʼa’ waliin jedhan. 8 Kanaafuu, qabanii isa ajjeesan; achiis maasii wayinichaatii alatti isa gatan.+ 9 Maarree, abbaan maasii wayinichaa maal isaan godha? Dhufee qonnaan bultoota sana ajjeesa; maasii wayinii isaas namoota kan birootti kennata.+

  • Luqaas 20:9-16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Achiis fakkeenya kana namoota sanatti dubbachuu jalqabe: “Namichi tokko wayinii+ dhaabee, qonnaan bultootaaf kireessee yeroo dheeraadhaaf gara biyya fagoo tokko dhaqe.+ 10 Waqtiin isaa yommuu gaʼu, firii wayinichaa keessaa muraasa akka isaaf kennan garbicha tokko gara qonnaan bultoota sanaatti erge. Qonnaan bultoonni sun garuu, erga isa reebanii booda harka duwwaa isa ariʼan.+ 11 Inni ammas garbicha kan biraa isaanitti erge. Isaan garuu isa kanas reebanii, salphisanii harka duwwaa ariʼan. 12 Ammas garbicha isa sadaffaa erge; isa kana immoo erga madeessanii booda gad isa darbatan. 13 Yeroo kanatti abbaan wayinichaa, ‘Maal gochuu naa wayya? Ilma koo isa jaallatamaa+ nan erga. Tarii isa ni kabaju taʼa’ jedhe. 14 Qonnaan bultoonni sunis yommuu isa argan, ‘Dhaaltichi isa kana. Dhaalli isaa kan keenya akka taʼuuf, kottaa, isa ajjeesna!’ waliin jedhan. 15 Kanaafuu, isaan maasii wayinichaa keessaa gad baasanii isa ajjeesan.+ Maarree, abbaan maasii wayinichaa maal isaan godha? 16 Inni dhufee qonnaan bultoota sana ajjeesa; maasii wayinii isaas namoota kan birootti kennata.”

      Isaan yommuu kana dhagaʼan, “Kun matumaa hin taʼin!” jedhan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi