-
Maatewos 21:33-41Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 “Fakkeenya kan biraa dhagaʼaa: Namni abbaa lafaa taʼe tokko jira ture; inni wayinii dhaabee+ naannoo isaatti dallaa ijaare; achiis boolla wayinii itti cuunfan qote; siree irra taaʼanii eeganis ni ijaare;+ sana booda maasii isaa kana qonnaan bultootaaf kireessee gara biyya fagoo dhaqe.+ 34 Waqtiin firii itti sassaaban yommuu gaʼu, gaʼee isaa akka isaaf fidaniif garboota isaa gara qonnaan bultoota sanaatti erge. 35 Qonnaan bultoonni sun garuu, garboota isaa qabanii isa tokko ni reeban,* isa tokko ni ajjeesan, isa tokko immoo dhagaadhaan tuman.+ 36 Ammas garboota warra jalqabaa irra caalan kan biroo erge; isaan garuu warra kanas akkanuma godhan.+ 37 Dhuma irrattis, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee ilma isaa gara isaaniitti erge. 38 Qonnaan bultoonni sunis ilma isaa kana yommuu argan, ‘Dhaaltichi+ isa kana. Kottaa, isa ajjeesnee dhaala isaa fudhanna!’ waliin jedhan. 39 Kanaafuu, isaan isa qabanii maasii wayinichaa keessaa gad baasanii isa ajjeesan.+ 40 Maarree, abbaan maasii wayinichaa yommuu dhufu qonnaan bultoota sana maal godha?” 41 Isaanis akkana isaan jedhan: “Hamoota waan taʼaniif, badiisa guddaa* isaan irra geessisa; maasii wayinii isaas qonnaan bultoota kan biroo oomisha isaa yeroo isaatti isaaf kennanitti kireessa.”
-
-
Luqaas 20:9-16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Achiis fakkeenya kana namoota sanatti dubbachuu jalqabe: “Namichi tokko wayinii+ dhaabee, qonnaan bultootaaf kireessee yeroo dheeraadhaaf gara biyya fagoo tokko dhaqe.+ 10 Waqtiin isaa yommuu gaʼu, firii wayinichaa keessaa muraasa akka isaaf kennan garbicha tokko gara qonnaan bultoota sanaatti erge. Qonnaan bultoonni sun garuu, erga isa reebanii booda harka duwwaa isa ariʼan.+ 11 Inni ammas garbicha kan biraa isaanitti erge. Isaan garuu isa kanas reebanii, salphisanii harka duwwaa ariʼan. 12 Ammas garbicha isa sadaffaa erge; isa kana immoo erga madeessanii booda gad isa darbatan. 13 Yeroo kanatti abbaan wayinichaa, ‘Maal gochuu naa wayya? Ilma koo isa jaallatamaa+ nan erga. Tarii isa ni kabaju taʼa’ jedhe. 14 Qonnaan bultoonni sunis yommuu isa argan, ‘Dhaaltichi isa kana. Dhaalli isaa kan keenya akka taʼuuf, kottaa, isa ajjeesna!’ waliin jedhan. 15 Kanaafuu, isaan maasii wayinichaa keessaa gad baasanii isa ajjeesan.+ Maarree, abbaan maasii wayinichaa maal isaan godha? 16 Inni dhufee qonnaan bultoota sana ajjeesa; maasii wayinii isaas namoota kan birootti kennata.”
Isaan yommuu kana dhagaʼan, “Kun matumaa hin taʼin!” jedhan.
-