-
Maatewos 21:33-41Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 “Fakkeenya kan biraa dhagaʼaa: Namni abbaa lafaa taʼe tokko jira ture; inni wayinii dhaabee+ naannoo isaatti dallaa ijaare; achiis boolla wayinii itti cuunfan qote; siree irra taaʼanii eeganis ni ijaare;+ sana booda maasii isaa kana qonnaan bultootaaf kireessee gara biyya fagoo dhaqe.+ 34 Waqtiin firii itti sassaaban yommuu gaʼu, gaʼee isaa akka isaaf fidaniif garboota isaa gara qonnaan bultoota sanaatti erge. 35 Qonnaan bultoonni sun garuu, garboota isaa qabanii isa tokko ni reeban,* isa tokko ni ajjeesan, isa tokko immoo dhagaadhaan tuman.+ 36 Ammas garboota warra jalqabaa irra caalan kan biroo erge; isaan garuu warra kanas akkanuma godhan.+ 37 Dhuma irrattis, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee ilma isaa gara isaaniitti erge. 38 Qonnaan bultoonni sunis ilma isaa kana yommuu argan, ‘Dhaaltichi+ isa kana. Kottaa, isa ajjeesnee dhaala isaa fudhanna!’ waliin jedhan. 39 Kanaafuu, isaan isa qabanii maasii wayinichaa keessaa gad baasanii isa ajjeesan.+ 40 Maarree, abbaan maasii wayinichaa yommuu dhufu qonnaan bultoota sana maal godha?” 41 Isaanis akkana isaan jedhan: “Hamoota waan taʼaniif, badiisa guddaa* isaan irra geessisa; maasii wayinii isaas qonnaan bultoota kan biroo oomisha isaa yeroo isaatti isaaf kennanitti kireessa.”
-
-
Maarqos 12:1-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Achiis akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbachuu jalqabe: “Namni tokko wayinii dhaabee+ naannoo isaatti dallaa ijaare; achiis boolla wayinii itti cuunfan qote; siree irra taaʼanii eeganis ni ijaare;+ sana booda maasii isaa kana qonnaan bultootaaf kireessee gara biyya fagoo dhaqe.+ 2 Waqtiin isaa yommuu gaʼus, firii wayinichaa keessaa muraasa akka isaan biraa fidu garbicha tokko gara qonnaan bultoota sanaatti erge. 3 Isaan garuu qabanii isa reeban,* harka duwwaas isa ariʼan. 4 Ammas garbicha kan biraa isaanitti erge, isaan garuu mataa isaa buruqsan, akkasumas isa salphisan.+ 5 Ammas garbicha kan biraa erge, isaan garuu isa ajjeesan; kan biraa hedduus isaanitti erge, isaan garuu isaan keessaa tokko tokko ni reeban, tokko tokko immoo ni ajjeesan. 6 Amma kan isa hafe ilma isaa isa jaallatamaa+ dha. Dhuma irrattis, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee gara isaaniitti isa erge. 7 Qonnaan bultoonni sun garuu, ‘Dhaaltichi+ isa kana. Kottaa, isa ajjeesna, dhaalli isaas kan keenya taʼa’ waliin jedhan. 8 Kanaafuu, qabanii isa ajjeesan; achiis maasii wayinichaatii alatti isa gatan.+ 9 Maarree, abbaan maasii wayinichaa maal isaan godha? Dhufee qonnaan bultoota sana ajjeesa; maasii wayinii isaas namoota kan birootti kennata.+
-