LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 10:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Namoota irraa of eeggadhaa; sababiin isaas, isaan mana murtiitti dabarsanii isin kennu;+ manneen sagadaa+ isaanii keessattis isin garafu.+

  • Maatewos 10:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Maqaa kootiin kan kaʼe nama hundumaa biratti ni jibbamtu;+ namni hanga dhumaatti jabaatee dhaabbatu garuu ni fayya.+

  • Maarqos 13:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 “Isin garuu of eeggadhaa. Namoonni mana murtiitti dabarsanii isin kennu;+ manneen sagadaa isaanii keessatti ni reebamtu;+ anaaf jettanii bulchitootaa fi mootota dura ni dhaabamtu; kunis isaaniif dhugaa baʼuuf isin gargaara.+

  • Maarqos 13:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Maqaa kootiin kan kaʼe nama hundumaa biratti ni jibbamtu.+ Namni hanga dhumaatti jabaatee dhaabbatu+ garuu ni fayya.+

  • Luqaas 21:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 “Wantoonni kun hundi taʼuu isaanii dura garuu, namoonni isin qabu, isin ariʼatu,+ akkasumas manneen sagadaa fi manneen hidhaatti dabarsanii isin kennu. Maqaa kootiif jettaniis moototaa fi bulchitoota duratti ni dhiheeffamtu.+ 13 Kunis akka dhugaa baatan carraa isiniif bana.

  • Luqaas 21:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Maqaa kootiin kan kaʼe nama hundumaa biratti ni jibbamtu.+

  • Yohaannis 15:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Haa taʼu malee, isaan isa na erge sana waan hin beekneef, sababii maqaa kootiin wantoota kana hunda isin irratti ni raawwatu.+

  • 2 Ximotewos 3:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Eeyyee, namoonni Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan Waaqayyoof kan bulan taʼanii jiraachuu barbaadan hundi ni ariʼatamu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi