LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 10:17, 18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Namoota irraa of eeggadhaa; sababiin isaas, isaan mana murtiitti dabarsanii isin kennu;+ manneen sagadaa+ isaanii keessattis isin garafu.+ 18 Isaaniifis taʼe sabootaaf waaʼee koo dhugaa baʼuudhaaf,+ anaaf jettanii bulchitootaa fi mootota duratti ni dhiheeffamtu.+

  • Maatewos 24:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 “Yeroo sanatti namoonni rakkinaaf dabarsanii isin kennu,+ isin ajjeesus;+ maqaa kootiin kan kaʼe saboota hundumaa biratti ni jibbamtu.+

  • Maarqos 13:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 “Isin garuu of eeggadhaa. Namoonni mana murtiitti dabarsanii isin kennu;+ manneen sagadaa isaanii keessatti ni reebamtu;+ anaaf jettanii bulchitootaa fi mootota dura ni dhaabamtu; kunis isaaniif dhugaa baʼuuf isin gargaara.+

  • Hojii Ergamootaa 25:23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Kanaafuu, guyyaa itti aanutti Agriiphaa fi Berniiqeen ulfina guddaadhaan dhufanii ajajjoota kumaa fi namoota beekamoo magaalattii wajjin gara galma walgaʼiitti seenan; Feesxos yommuu ajajettis Phaawulosiin ol seensisan.

  • Mulʼata 2:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Rakkina si irra gaʼuuf jiru hin sodaatin.+ Kunoo, Diyaabilos guutummaatti akka qoramtaniif isin keessaa tokko tokko mana hidhaatti galchuu isaa itti fufa; guyyaa kudhaniif ni dhiphattu. Hanga duʼaatti amanamaa taʼuu kee argisiisi; anis gonfoo jireenyaa siif nan kenna.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi