-
Maarqos 13:28-31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 “Muka harbuu irraa fakkeenya kana baradhaa: Yeroo dameen isaa latee baala baafatu bonni akka dhihaate ni beektu.+ 29 Haaluma wal fakkaatuun isinis wantoonni kun raawwatamuu isaanii yommuu argitan, inni balbalatti akka dhihaate beekaa.+ 30 Dhuguman isiniin jedha, wantoonni kun hundi hamma raawwatamanitti, dhaloonni kun matumaa hin darbu.+ 31 Samii fi lafti ni darbu;+ dubbiin koo garuu matumaa hin darbu.+
-
-
Luqaas 21:29-33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Sana booda fakkeenya tokko isaanitti hime: “Muka harbuu fi mukeetii kaan hundumaa ilaalaa.+ 30 Yeroo isaan latanitti ofuma keessanii ilaaltanii bonni akka dhihaate ni beektu. 31 Haaluma wal fakkaatuun isinis wantoonni kun raawwatamuu isaanii yommuu argitan, Mootummaan Waaqayyoo akka dhihaate beekaa. 32 Dhuguman isiniin jedha, wantoonni hundi hamma raawwatamanitti, dhaloonni kun matumaa hin darbu.+ 33 Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu matumaa hin darbu.+
-