-
Maatewos 24:15-20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 “Kanaafuu, akkuma Daaniʼel raajichi dubbate wanti balfamaan badiisa geessisu iddoo qulqulluu dhaabbatee yommuu argitan+ (inni dubbisu haa hubatu), 16 yeroo sanatti warri Yihudaa keessa jiran gara gaarotaatti haa baqatan.+ 17 Namni baaxii manaa irra jiru mana isaa keessaa miʼa fudhachuuf gad hin buʼin; 18 namni maasii keessa jirus uffata isaa fudhachuuf hin deebiʼin. 19 Guyyoota sanatti dubartoota ulfaa fi dubartoota hoosisaniif wayyoo! 20 Yeroon itti baqattan waqtii gannaatti yookiin guyyaa Sanbataatti akka hin taane kadhachuu keessan itti fufaa;
-
-
Luqaas 21:20-23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 “Haa taʼu malee, Yerusaalem loltootaan marfamtee yommuu argitan,+ yeroo sana badiisni ishii akka dhihaate beekaa.+ 21 Yeroo sanatti warri Yihudaa keessa jiran gara gaarotaatti haa baqatan;+ warri ishii gidduu jiran ishii keessaa haa baʼan; warri baadiyyaa jiranis ishiitti hin seenin; 22 sababiin isaas, wantoonni barreeffaman hundi akka raawwatamaniif, guyyoonni sun yeroo Waaqayyo murtii haqaa itti dabarsu dha.* 23 Guyyoota sanatti dubartoota ulfaa fi dubartoota hoosisaniif wayyoo!+ Sababiin isaas, biyyattii irratti dhiphinni guddaan, saba kana irrattis dheekkamsi ni dhufa.
-