LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Daaniʼel 9:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 “Inni torbee tokkoof namoota hedduudhaaf kakuu isaa ni tursa; walakkaa torbee sanaatti immoo aarsaanii fi kennaan dhihaatu akka hafu godha.+

      “Qoochoo wantoota jibbisiisoo sanaa irra inni badiisa geessisu ni jiraata;+ hamma badiisni dhufutti wanti murteeffame isa ona taʼe sana irrattis ni dhangalaʼa.”

  • Daaniʼel 11:31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Raayyaawwan* isaa ni dhaabbatu; iddoo qulqulluu fi dahoo sana ni xureessu;+ aarsaa yeroo hundumaa dhihaatus ni hambisu.+

      “Kana malees isaan wanta balfamaa badiisa geessisu sana ni dhaabu.+

  • Daaniʼel 12:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 “Aarsaan yeroo hundumaa dhihaatu erga hafee+ fi wanti balfamaan badiisa geessisu sun erga dhaabamee+ kaasee guyyoota 1,290 ni taʼa.

  • Maarqos 13:14-18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 “Haa taʼu malee, wanti balfamaan badiisa geessisu+ bakka dhaabbachuu hin qabne dhaabbatee yommuu argitan (inni dubbisu haa hubatu), yeroo sanatti warri Yihudaa keessa jiran gara gaarotaatti haa baqatan.+ 15 Namni baaxii manaa irra jiru gad hin buʼin; waanuma tokko illee mana isaa keessaa fudhachuufis ol hin seenin; 16 namni maasii keessa jirus uffata isaa fudhachuuf wantoota duubatti hafanitti hin deebiʼin. 17 Guyyoota sanatti dubartoota ulfaa fi dubartoota hoosisaniif wayyoo!+ 18 Kun waqtii gannaatti akka hin taane kadhachuu keessan itti fufaa;

  • Luqaas 21:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 “Haa taʼu malee, Yerusaalem loltootaan marfamtee yommuu argitan,+ yeroo sana badiisni ishii akka dhihaate beekaa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi