-
Maatewos 26:55, 56Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
55 Saʼaatii sanatti Yesuus namoota sanaan akkana jedhe: “Akka nama saamtuu qabuutti goraadee fi ulee qabattanii ana qabuu dhuftanii? Guyyuma guyyaadhaan mana qulqullummaa keessa taaʼee barsiisaan+ ture; isin garuu na hin qabne.+ 56 Haa taʼu malee, kun hundi kan taʼe, wanti raajonni barreessan* akka raawwatamuufi.”+ Yeroo kanatti barattoonni isaa hundi isa dhiisanii baqatan.+
-
-
Luqaas 22:52, 53Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
52 Yeroo kanatti Yesuus dura buutota lubootaa, dura buutota eegdota mana qulqullummaa fi maanguddoota isa qabuu dhufaniin akkana jedhe: “Akka nama saamtuu qabuutti goraadee fi ulee qabattanii dhuftanii?+ 53 Guyyuma guyyaadhaan yommuun isinii wajjin mana qulqullummaa keessa ture+ isin na hin qabne.+ Haa taʼu malee, kun saʼaatii keessanii fi saʼaatii dukkanni itti moʼu dha.”+
-