LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 22:16-18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Saroonni natti marsan;+

      Akkuma tuuta jalʼootaatti balbala natti cufan,+

      Akkuma leencaattis harka koo fi miila koo ciniinaa jiru.+

      17 Lafeewwan koo hundumaa lakkaaʼuu nan dandaʼa.+

      Isaan na ilaalu, ijas na irraa hin buqqifatan.

      18 Uffata koo ni hihiratan,

      Huccuu koo irrattis carraa ni buufatan.+

  • Isaayyaas 53:1-12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 53 Wanta nu irraa dhagaʼetti* kan amane eenyu?+

      Irreen Yihowaa+ hoo eenyutti mulʼifame?+

       2 Inni akkuma latii+ isa* dura jiruutti, akkuma hidda lafa gogaa keessaa baʼeetti ni dhufa.

      Inni dhaabbii nama hawwatus taʼe simboo hin qabu;+

      Yommuu isa arginettis bifti isaa ofitti nu hin harkisne.*

       3 Namoonni isa ni tuffatan, ni jibbanis,+

      Inni nama dhiphinnii fi dhukkubni itti baayʼatu* ture.

      Akka waan fuulli isaa nu jalaa dhokfamee taʼee ture.*

      Inni kan tuffatame ture, nutis akka waan gatii hin qabneetti isa ilaalle.+

       4 Dhugumaan inni dhukkuba keenya,+

      Dhiphina keenyas ni baate.+

      Nuti garuu akka waan dhaʼichi irra gaʼetti, akka waan Waaqayyo isa rukutettii fi akka waan miidhametti isa ilaalle.

       5 Inni garuu yakka keenyaaf ni waraaname;+

      Balleessaa keenyaafis ni caccabsame.+

      Nagaa nuuf argamsiisuuf jedhee adaba ni baate,+

      Madaa isaatiin kan kaʼes nuti ni fayyine.+

       6 Hundi keenya akkuma hoolaa asii fi achi ni joorre,+

      Tokkoon tokkoon keenyas daandii mataa mataa keenyaa irra ni deemne,

      Yihowaanis balleessaan hunda keenyaa isa irra akka buʼu ni godhe.+

       7 Inni ni cunqurfame,+ miidhaan akka irra gaʼus ni heyyame,+

      Taʼus, afaan isaa hin saaqqanne.

      Inni akkuma hoolaatti qalmaaf ni geeffame;+

      Akkuma hoolaa goromtii warra rifeensa ishii muran duratti calluma jettuus ni taʼe;

      Afaan isaas hin saaqqanne.+

       8 Murtii sirrii hin taaneen* ni fudhatame;

      Hidda dhalootaa* isaa tokko tokkoon beekuuf xiyyeeffannaa kan kennu eenyu?

      Sababiin isaas, inni biyya warra jiraatoo keessaa balleeffameera;+

      Yakka saba kootiitiin kan kaʼes garafameera.*+

       9 Inni balleessaa* kan hin raawwannee fi

      Dubbii gowwoomsaan afaan isaa keessatti kan hin argamne taʼus,+

      Hamootaa wajjin iddoon awwaalchaa isaaf ni kenname,*+

      Duuti isaas sooreyyii* wajjin ni taʼe.+

      10 Haa taʼu malee, isa caccabsuun fedhii Yihowaa ture,* inni akka dhukkubsatus ni heyyame.

      Ati aarsaa yakkaa gootee lubbuu isaa yoo dhiheessite,+

      Inni sanyii isaa ni arga, umuriin isaas ni dheerata,+

      Karaa isaas gammachuun* Yihowaa fiixaan ni baʼa.+

      11 Dhiphina isaatiin* kan kaʼe buʼaa isaa argee ni gammada.

      Tajaajilaan koo+ inni qajeelaan beekumsa isaatiin

      Namoonni hedduun ejjennoo qajeelaa akka qabaatan ni godha,+

      Yakka isaaniis ni baata.+

      12 Kanaan kan kaʼes, namoota hedduu gidduutti gaʼee isaaf nan kenna,

      Innis namoota jajjaboo wajjin boojuu ni hirata,

      Sababiin isaas, inni lubbuu isaa hamma duʼaatti illee dabarsee kenneera,+

      Yakkamtootaa wajjinis lakkaaʼameera;+

      Cubbuu namoota hedduu ni baate,+

      Yakkamtootaafis ni kadhate.+

  • Daaniʼel 9:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 “Torban 62 booda Masiihiichi ni ajjeefama;+ wanti isaaf hafus hin jiraatu.+

      “Namoonni geggeessaa isa dhufu sanaas magaalattii fi iddoo qulqulluu sana ni balleessu.+ Dhumni isaas lolaadhaan ni taʼa. Hamma dhumaatti waraanni ni jiraata; wanti irratti murteeffames badiisa dha.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi