LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 20:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Akkuma kana Ilmi namaas kan dhufe warra kaan tajaajiluu+ fi lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii* godhee kennuufi+ malee, akka isa tajaajilaniif miti.”

  • 1 Ximotewos 2:5, 6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Sababiin isaas, Waaqa tokkotu jira;+ Waaqayyoo fi namoota gidduu+ immoo araarsaa+ tokkotu jira; innis Kiristoos Yesuus isa nama taʼe dha;+ 6 inni namoota hundumaatiif* furii wal gitu godhee of kenneera;+ kunis wanta yeroo isaatti dhugaa baʼamuufii qabu dha.

  • Tiitoo 2:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 akka kanaan abdii gammachiisaa,+ akkasumas mulʼachuu Waaqa keenya isa guddichaa fi mulʼachuu Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos eegganna; 14 inni wantoota seeraan ala taʼan hunda jalaa bilisa nu baasuuf,*+ akkasumas saba qabeenya dhuunfaa isaa taʼee fi hojii gaariidhaaf hinaafu+ ofii isaatiif qulqulleeffachuuf dabarsee of kenneera.+

  • Ibroota 9:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 haaluma wal fakkaatuun, Kiristoos cubbuu namoota hedduu baachuuf+ yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha of dhiheesseera; yeroo lammataatiif kan dhufu garuu cubbuu balleessuuf utuu hin taʼin, warra fayyina argachuuf cimsanii isa eeggatanitti mulʼachuufi.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi