LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 53:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  8 Murtii sirrii hin taaneen* ni fudhatame;

      Hidda dhalootaa* isaa tokko tokkoon beekuuf xiyyeeffannaa kan kennu eenyu?

      Sababiin isaas, inni biyya warra jiraatoo keessaa balleeffameera;+

      Yakka saba kootiitiin kan kaʼes garafameera.*+

  • Isaayyaas 53:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Kanaan kan kaʼes, namoota hedduu gidduutti gaʼee isaaf nan kenna,

      Innis namoota jajjaboo wajjin boojuu ni hirata,

      Sababiin isaas, inni lubbuu isaa hamma duʼaatti illee dabarsee kenneera,+

      Yakkamtootaa wajjinis lakkaaʼameera;+

      Cubbuu namoota hedduu ni baate,+

      Yakkamtootaafis ni kadhate.+

  • Maatewos 26:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 “Akkuma beektan guyyaa lama booda Ayyaanni Faasikaa ni kabajama;+ Ilmi namaas muka irratti akka fannifamuuf dabarfamee ni kennama.”+

  • Luqaas 24:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Kiristoos dhiphinni kun hundi isa irra gaʼuun isaa+ fi gara ulfina isaatti galuun isaa+ barbaachisaa hin turree?”

  • 1 Qorontos 15:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Ani wantoota iddoo guddaa qaban, warra ani fudhadhe sana isinitti dabarseera; akkuma Kitaabonni Qulqulluun jedhan, Kiristoos cubbuu keenyaaf ni duʼe;+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi