LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 16:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Yesuus yeroo sanaa jalqabee, gara Yerusaalem dhaquu akka qabu, maanguddoonni, dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa dhiphina guddaa akka isa irra geessisan, akka ajjeefamuu fi guyyaa sadaffaatti duʼaa akka kaafamu+ barattoota isaatiif ibsuu jalqabe.

  • Maatewos 20:18, 19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 “Kunoo, gara Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi namaas dura buutota lubootaa fi barsiisota seeraatti dabarfamee ni kennama. Isaanis duʼa isatti murteessu.+ 19 Akkasumas, akka isatti qoosan, akka isa garafanii fi muka irratti akka isa fannisaniif+ saboota kaanitti dabarsanii isa kennu; achiis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaafama.”+

  • Maatewos 27:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Sana booda, Barbaaniin isaaniif hiike; Yesuusiin garuu erga garafsiisee+ booda muka irratti akka fannifamu dabarsee isa kenne.+

  • Maarqos 15:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Yeroo kanatti Philaaxos, uummaticha gammachiisuu barbaadee Barbaaniin isaaniif hiike; Yesuusiin immoo erga garafsiisee+ booda muka irratti akka fannifamu dabarsee isa kenne.+

  • Yohaannis 19:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Philaaxosis, muka irratti akka fannifamuuf dabarsee isaanitti isa kenne.+

      Kanaafuu, isaan Yesuusiin fuudhanii deeman.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi